Xalayaan karaa walquunnamtiin barreeffamaan itti raawwatamu keessaa isa tokkodha. Kana jechuun, kan namoonni fedhii, hawwii, gammachuu, gadda, yaadaa fi dhaamsa adda addaa barreeffamaan ittiin waliif ibsanii fi walquunnamanidha. Kaayyoo guddaan xalayaa namoota gidduutti walquunnamtii uumuudha. Xalayaa bakka gurguddaa lamatti qooduun ni danda’ma. Isaanis, xalayaa dhuunfaa fi xalayaa hojiidha. Akkasumas xalayaan tokko qabiyyee qabaachuu qabu ni qaba. Isaanis Kutaalee xalayaa jedhamuun beekamu.