Walaloon damee og-barruu keessaa kan bo’oo fi, ceesisaan tolfamee qooqa miidhagaa fi yeedaloodhaan dhiyaatudha.  Barreeffamni sarara tokko irra jiru bo’oo walaloo jedhamee beekama. Yeroo hunda jalqaba bo’oo walaloo irratti akkuma hima qubee guddaan jalqabnu bo’oo walaloos qubee guddaan jalqabna. Ceesisni ammoo ergaa dabarfamuu barbaadame xumurree isa itti aanutti ce’uuf nu gargaara. Ceesisni akkuma keeyyataa barreeffama keessatti ergaa tokko dabarsinee goolabnee isa itti aanu ergaa haaraa jalqabuuf gargaara. Ceesisa tokko erga goolabnee ceesisa lammaffaa jennee barreessuun ceesisa duraa isa itti aanu irraa adda baasuuf lakkoofsa kennuudhaan barreessuun ni danda’ama. Walaloon qooqa, suureessuu, malleen dubbii fi jechoota fayyadamuun hiikkaa gabbataa dabarsuuf gargaara. Walaloon og-walaloo jedhamuus ni danda’a. og-walaloo jechuun immoo ogummaa walaloo jechuudha. Ogwalaloon yaada tokko miidhaksee, guddisee fi olkaasee bifa muuziqaan kan dhiheessu yaada bal’aadha. Ogwalaloon yaada bal’aa kana garuu yeroo dhiheessu jechoota muraasaa fi ergaa bal’aa dabarsuu danda’anitti fayyadamuudhaani.