Maxxantoota

Maxxantuun/dhamjechi jecha hundee irratti fuulduraan ykn duubaan dabalamee kan galudha. Maxxantoonni bu’uura jecha tokkoorratti dabalamanii galan kunneen jechichi hiika adda addaa akka qabaatu taaasisu. Isaanis jechoota of danda’an irratti dabalamuun/hirkachuun hiika jechootaa jijjiiruu ni danda’u. Kunis jecha irratti maxxanuun baay’ina/heddummina, ramaddii, saala kan agarsiisan ykn unkaa jecha tokkoo kan jijjiiranidha. Afaan Oromoo keessatti maxxantoonni akaakuu lamatu jira. Isaanis: Maxxantoota duraa fi boodaati. Maxxantoonni duraa jalqaba jechaa irratti maxxanuun jijjiirama hiikaa fiduu ni danda’a. Maxxantoonni boodaa immoo dhuma jechaa irratti maxxanuun danoomaa fi tajaajila caaslugaa adda addaaf kan tajaajiluu danda’anidha. Hanga ammaatti qorannoo taasifameen jechi Afaan oromoo maxxantuu jidduu hin qabu.

YouTube player

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Powered By Qubee Generation.